Leenjii Viidiyoo Konkolaataa Clean Diesel

Gara barnoota toora-irraa kanatti baga nagaan dhuftan. Viidiyoowwan walitti-fufaa kanaan, motorawwan clean diesel konkolaataa irratti akka ati dhoksaa jiru hubattu ni gargaarra, haala foyya’aan konkolaataa kee ni hubatta, akkasumas dandeettii isaa ni guddifta.

Konkolaattotni haarawni balfama dizzelii eeguuf teekinooloojiiwwan ni qabu.  Balfamni gubama dizzelii nama hunda ni miidha – keessattuu namoota daandiiwwan gurguddoo cinaa jiraatan, hojjetan akkasumas mana barnootaa deeman. Balfamni konkolaattota dizzelii dulloomoo irraa dhufu rakkoo fayyaa hamaa kan akka dhukkuba asmii, dhukkuba onnee, kaanserii fi midhaa qaamaa waliin dhalachuu fiduu ni danda’a.

Guduunfaa Leenjii

Barnootni viidiyoo kun akkaataa ati itti konkolaataa clean diesel kee kunuunsitu, akkaataa suphaawwan qaalii itti ittistu, akkasumas akkaataa boba’aa irratti qarshii itti qusattu sitti agarsiisa. Barnootichi viidiyoowwan toorbatti kan qoodamedha.

1.  Konkolaataawwan Clean Diesel Kee Hubachuu

Qabxiiwwan Ijoo

Konkolaataan kee akkamiin akka hojjetu hubachuun:

  • Dhiphuu balleessuu danda’a
  • Qarshii qusachuu danda’a


2.  Karoota 5 Konkolaataawwan Clean Diesel Ittiin Adda Ta’an

Qabxiiwwan Ijoo

Konkolaataawwan Clean diesel konkolaataawwan durii irraa haala addaatti dalagu

  1. Idling ‘n motoricha miidha
  2. Ifaawwan daashboordii caqasuu dhiisuun hin danda’amu
  3. Dhimmuuwwan hatattamaan furamuu qabu
  4. RPM sirriin adda
  5. Suuphaan irra-caalaan faayida-qabeessa


3.  Meeshaa To’annoo Balfama Konkolaataa Clean Diesel

Qabxiiwwan Ijoo

Sirna DPF fi .  Sirna DEF wal-bira qabuun

Sirna DPF

  • Motorawwan 2007 fi isaan boodaa
  • cilee (soot) fi daaraa (ash) guura
  • daaraa kaasuuf harkaan qulqulleessamuu qaba

Sirna DEF

  • Motorawwan 2010 fi isa boodaa
  • Miidhaa gad-aanaa akka qabaatuuf gubataa jijjiira
  • Dhangala’aa DEF barbaachisa


4.  Gubinsawwan Calaltuu Waantota-xixiqqoo Dizzelii (DPF)

Qabxiiwwan Ijoo

  1. Gubataan ho’aan DPF konkolaataa keetii qulqulleessuuf gargaara
  2. Ibsaan DPF kee yoo ife, tarkaanfii fudhachuu qabda
    • Active Regen uumuudhaaf motora haala cimaan oofi (dirqama miti)
    • kun yoo furuu dide, Parked Regen eegali
    • Kunillee yoo furuu dide, konkolaataan kee tajaajila akka argatuuf ol galchi


5.  Kutaalee Motoraa kanneen DPF irratti Dhiibbaa Qaban

Qabxiiwwan Ijoo

  1. Rakkoowwan DPF ittisuuf itti fufinsaan kutaa motorichaa mara eegi
  2. DPF kee waliin rakkoo yeroo-hunda kan qabdu yoo ta’e, rakkoowwan biroof kutaalee biroo motora keetii caqasi


6.  Suphaa Qarshii Qusatu

Qabxiiwwan Ijoo

  1. dhimmuuwwanii fi fayyadama dhangala’aaf motora kee guyyaa hunda caqasi
  2. Kanneen kana beekuu kee mirkaneeffadhu:
    • sagantaa suphaa itti-fufaa konkolaataa keetii
    • konkolaataan kee ogeessa mekaanikii clean diesel yommuu barbaadu
  3. Rakkoo kamillee hatattamaan furi!


7.  Qulqulleessawwanii fi Bakka-buusawwan DPF

Qabxiiwwan Ijoo 

Qulqulleessawwan fi Bakka-buusuuwwan DPF

Yoo xiqqaate waggaatti al-tokko ogeessi mekaanikii DPF akka qulqulleessu yookiin bakka-buusu taasisi

Ogeessi mekaanikii kana akka godhu mirkaneessi:

  • DOC fi SCR akka caqasu kunis cufaminsaaf
  • Rejenii Dhaabbachuun taasifamu akka godhu
  • DPF Cleaning History Sheet akka guutu (DPF Qulqulleessuuf Qofa)

Reconditioned fi Aftermarket DPFs:

  • Rakasoodha
  • Sirriitti hojjechuu yookiin dhiisuu ni mala

Beekumsa kee Qori

Dorgommii gaaffii fi deebii kana fudhadhuutii hangam konkolaataa fe'umsaa Clean Diesel kee akka beektu ilaali.

Start Test Oromo Opens in new window

Sagantaan Nagahee (Voucher) Qulqulleessuu DPF cufameera.  Nagaheewwan Qulqulleessuu DPF kana booda hin argaman.

Gaaffiwwan yoo qabaatte maaloo 206-689-4057 bilbili yookiin bethc@pscleanair.org ‘tti imeelii ergi.

Galatawwan

Puget Sound Clean Air Agency ‘n nama hunda viidiyoon leenjii kun akka hojjetamu kan gargaaran galateeffachuu fedha, kunis konkolaachistoota konkolaataa viidiyoo walitti-fufaa kana keessatti argaman dabalatee, kanneen hojii-guddoo suphaa konkolaataa irratti ogummaa teekinikaa isaanii kennan, fi miseensota hawaasaa kanneen viidiyoo kana afaan hiikkaatiin gargaaran.

Haala-abbummeessa

Puget Sound Clean Air Agency ‘n biraandiiwwan yookiin oomishawwan murtaa’oo hin deggaru. Oomishniwwan biraandawoo kanneen viidiyoo kana keessatti mullifaman fakkeenyawwan barnoota qofaaf dhiyeeffamanidha akkasumas viidiyicha keessatti dabalamuun isaanii Puget Sound Clean Air Agency ‘n deggersa akeekame miti.